Dhaamsa Wangeelaa
– Maaloo kanatti aanee kan jiru dubbisi:
Uma 1:1 | Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan Waaqaa fi lafa uume. |
Roma 3:23 | hundinuu yakkaniiru hulfinni Waaqayyoos isanitti hir’ateera” |
Yohannis 8:34 | Kana irratti Yesus, “dhuguma dhuguman isiiniin jedha namni cubbuu hojjetu hundinuu garbicha cubbuuti.” |
Waaqayyo nu uumee garuu nuyi isa hin beeknu sababaa uumama cubbummaa keenyaatiin kan ka’e isa ittii adda baane. Jireenyi keenya Waaqayyoon malee kaayyoo fi hiika hin qabu. Cubbuudhaaf gatiin (kan kaffalamuu qabu) du’a, du’a qaamaa fi du’a hafuuraa lachan. Du’a hafuuraa jechuun Waaqayyotti gargar ba’uudha. Du’i qaamaa immoo dhagni namaa tortoruudha. Nuti cubbuu keenyaan yoo duune, baraa hanga bara baraatti Waaqayyotti garaa gara bane si’ool keessatti rawwaanna. Nuyi cubbuu keenyaattii akkamiin ofii keenya fayyifnee gara Waaqayyootti deebi’uu dandeenyaa? Ofii keenya fayyisuu hin dandeenyu sababni isaa namni cubbamaan ofii isaa fayyisuun isaaf kan danda’amu miti (akkuma namni bishaaniin nyaatamaa jiru ofii isaa fayyisuu hin andeenye). Namoonni kan biroonnis nu fayyisuu hin danda’anu, sababni isaa hunudumti keeyna cubbamoota (namni bishaniin nyaatamaa jiru tokko kan bishaaniin nyaataamaa jiru nama kan biraa fayyisuu hin danda’au, lachan jaraa gargaarsa barbaadu). Kan cubbbuu hin qabne namni garri biraan barbaadna (kan bishaniin nyaatamaa hin jirre) cubbuu keenya irraa akka nu fayyisudhaaf. Nama cubbuu hin qabne qofatu nu fayyisuu danda’a. Biyya lafaa cubbamaa kana keessaa akkamiin nama cubbuu hin qabne argachuun danda’maa?
Roma 6:23 | Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyo inni Kiristos Yesus Gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati. |
Yoh 3:16 | “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti” |
Mat 1:23 | Kunoo, durbi ni ulfoofti ilmas ni deessi maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jedhanii ni moggaasu jedhe; “Amaanu’eel” jechuun “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuudha. |
Yoh 8:23 | Inni immoo, “Isin kan godaa kanaati, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; isin kan biyya lafaa kanaati, ani garuu kan biyya lafaa kanaa miti.” |
Mar 1:11 | Sagaleen immoo, “Ati ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti ni raawwatama” jedhee waaqa irraa dubbate. |
Yoh 8:36 | Ilmichi yoo birmaduu isin baase, egaa isin warra birmaduu baataniidha. |
Yoh 3:3 | Yesus, “Dhuguma dhuguman sitti hima, eenyuu illee olii yoo dhalachuu dhabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u.” |
Yoh 1:12 | “Hamma isa simataniif immoo iloollee Waaqayyoo akka ta’aniidhaaf aboo isaaniif kenne isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. |
Waaqayyo, kan nu uumee guddaas kan nu jaallatu, hiika isaa nuuf kenne. Jaalala isaa isa guddaa irraa kan ka’es Ilma Isaa, Yesusiin, cubbuu keenyaaf akka du’uudhaaf nuuf erge. Yesus cubbuu hin qabu sababni isaa inni biyya lafaa kana irraatii miti, lafa kana irra yommuu tures gara cubbuutti kan geessu qorumsa dabiloos moo’ateera. Jireenyi isaa waaqa irratti Waaqayyoon gammachiiseera. Yesus cubbuu keenya fuudhee cubbuu kenyaafis fannoo irratti nuuf du’eera. Inni fayyisaa lubbuu keenyaati (Yesus nu fayyisuu ni danda’a sababni isaa inni kan bishaaniin nyaataama jiru miti). Kaayyoon Yesus fannoo irratti du’uun isaas gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf, kanaaf, cubbuu keenya nurraa calaasee, walitti dhufeenya keenyaa Waaqayyoo wajjinii isa cabee ture deebisee haaromsa. Du’a hafuuraattii (Waaqayyoon irraa garaa gara ba’u irraa) karaa humna Waaqayyootiin gara jireenyaatii dhufna. Walitti dhufeenyi kun inni haaraan lammaffaa dhalachuu jedhama. Kun gara kaayyoo uumamuu keenyaa fi jiraachuu keenyaatti nu haaromsa, akkasumas jiraachuu keenyaaf kaayyoo fi hiika isa sirrii nuuf kenna.
Yoh 11:25 | Yesus garuu, “Du’aa ka’uun, jireenyis ana; namni anatti yoo du’e iyyuu ni jjirata” |
Rom 6:9 | Kiristoo’s warra du’an keessaa erga kaafame, deebi’ee akka hin duune, duunis si’achi isa irratti gooftummaa akka hin qabaanne beekna. |
HoE 2:24 | Waaqayyo garuu hidhaa du’aattii hiikee; inni harka du’aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef, du’aa isa kaase. |
Rom 14:9 | Gooftaa warra du’aniif warra jiranii ta’uudhaaf, Kiristoos du’ee deebi’ee jiraate. |
HoE 1:11 | “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhiphattanii waaqa keessa ilaalaa jirtuu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara dhaquu isaa argitan kanatti immoo deebi’ee ni dhufa” jedhaniin. |
Yesus cubbuu keenyaaf du’uun isaa Waaqayyoon waaqa irratti fudhatama argachuu isaatiif ragaan jiru maali? Ragaan isaa Yesus Waaqayyoon du’aa kaafamuu isaati. Du’aa kaafamuudhaan, Yesus du’a akka moo’e mirkaneeffameera (yookiin, karaa jecha gara biraatiin, duuni isa irratti aangoo umaa hin qabu). Amma, sababa kanaaf, sababa Yesus jiraatuuf nutis ni jiraanna. Darbees, sababa inni du’aa kaafameef, Inni har’as jiraataadha.
Yoh 5:24 | Dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ani ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin dhaqu. |
Yoh 10:9 | Balbalichi ana, inni anaan ol galu ni fayya;ol ni gala gadis ni ba’a dheedichas ni argata. |
Yoh 14:6 | Yesus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” |
Yoh 8:24 | Cubbuu keessaniin akka duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta’e beektanii yoo amanuu dhabaattan cubbuu keessaniin ni duutu” isaaniin jedhe. |
HoE 4:12 | “Fayyinni Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaabn kan biraa ittiin fayyuun kan ta’u, waaqa jelaa ilmaan namootaatiif kan kenname” |
Rom 10:13 | “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu ni oola.” |
Rom 10:11 | Caaffanni qulqullaa’aan, “Namni isatti amanu hundinuu hin yeel’au” ni jedha. |
Rom 2:11 | Waaqayyo nama wal hin caalchisu |
Rom 3:22 | Namni Yesus Kiristoositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ni ta’a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru. |
Rom 10:9 | “Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaasemmii garaa keetti amante fayyina bara baraa ni argatta” |
Cubbuun keenya akkamiin fuudhamee jireenya haaraawa kana arganna? Akka Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaatti Yesustti amanuudhaan. Karaa keenya isa cubbuudhaan guutame irraa deebinee yoo akka nu fayyisuudhaaf akka dhiifama nuuf godhuuf isa kadhanne, inni isa sana ni hojjeta. Yesus cubbuu keenyaaf du’uudhaaf gara biyya lafaa kan dhufe ilma Waaqayyooti. Biyya lafaa kana irraa namoonni amantii isaanii isa irratti kaa’atan kam iyyuu Waaqayyoon biraa dhiifama ni argatu, cubbuu isaanii (fi si’ool) irraa ni fayyu Waaqayyoon biraas jireenya haaraa ni fudhatu. Waaqayyo loogummaa hin agarsiisu. Inni biyya nuyi keessa jiraachaa jirruun, afaan nuyi dubbannuun, sooressa yookiin deegaa, dhiira yookiin dhalaa, dargaggeessa yookiin kan dulloome, yookiin garaagarummaa qaamaa kamiinuu dhiibbaan isarratti hin taasifamu. Kan amanu namni kam fi Yesusiin kan waammatu ni fayya. Ati Yesusiin duuka bu’uu yoo murteessite kanatti aanee kan jiru kan ati kadhachuu dandeessuudha:
Waaqayyo waaqa irra kan jirtu, ilma kee tokkicha Yesusiin, ani akkan fayyuudhaaf cubbuu kootiif akka du’uuf anis tarii akkan fayyuudhaaf akkasumas waaqa irraa jireenya haaraa akkan argadhuuf naaf erguu keetiif sin galateeffadha. Kraa koo irraa deebi’uudhaan cubbuu kootiif dhiifama sin gaafadha. Yesusitti nan amana akka Gooftaa kootii fi Fayyisaa kootti nan simadha. Jireenya haaraa naaf kennitu kanattis jireenya sigammachiisu akkan jiraadhuudhaafis nagaggeessis na gargaaris. Ameen.
Kdhannaa kanaan olii kana kadhatteetta taanaan, Waaqayyo gara waldaa kiristaanaa kamiin akka deemtu akka si agarsiisuuf kadhadhu. Kadhannaadhaan Waaqayyotti dubbadhu, innis sitti dubbataa. Gara sagalee Waaqayyo dhaggeefadhu. Waaqayyo si geggeessa. Inni si jaallata siifis ni yaada. Isa amanachuu dandeessa. Inni warra isatti amanatanu hin gatu. Waaqayyo Waaqayyo gaariidha. Inni siif ni dhimma si eebbisas. Waaqayyo, ‘Ani matuma si hin dadhabu, si hin buusus’ jedheeera Waaqayyoon amani. Karaa Yesus Waaqayyoon kan eebbifamte ta’i.
Wangeela Yohaannisiiti eegaliiti uttuu addaan hin kutin Macaafa Qulqulluu dubbisi.
Odeeffanoo dabalataatiif interneetiitiifi kana tuqi